Abotu us

Meeshaalee aadaa Oromoo keessaa
Agarsiisa meeshaalee aadaa, hubannoo dhaloota haaraa gabbsisuuf
Aadaan mallattoo eenyummaan sabootaa, sablammootaafi ummattootaa itti calaqqisu ta’uun ni beekam. Ta’us, yeroo ammaa xiyyeeffannoo dhabuurraa kan ka’e maqaa gaarii kanaan dura qabu gadhiisuun kan ormaatiin liqimfamuurratti akka argamu himama.

Kunimmoo dhaloota haaraa irratti miidhaan qaqaabsiisu olaanaa waan ta’eef, tooftaalee addaddaa fayyadamanii hubachiisuun murteessaadha. Agarsiisawwan garagaraa qopheessuun labata dadammaqsuun tooftaa tokko yoo ta’u, Biiroon Aadaafi Turizimii Magaalaa Finfinnees tibbana qophii tokko geggeessee ture.

Qophicharratti dhaabbileen gara garaafi namootni dhuunfaa galma igzibiishiniitti meeshaalee aadaa hedduu agarsiisaaf dhiyeessaniiru.

Dhaabbilee irratti hirmaachuun meeshaalee aadaafi kanneen biroo argisiisaaf dhiyeessan keessaa Giddugalli Aadaa Oromoo tokko yoo ta’u, jiddugaleessichaan meeshaaleefi kitaabilee aadaa, seenaafi duudhaa Oromoo daaw’annaaf dhiyaataniiru.

Shamarree Leensaa Taganyi kitaabilee seenaa Oromoo garagaraa qabachuun gurgurtaafi agarsiisaaf kan dhiyeessite yoo ta’u, agarsiisni jalqabame kun aadaafi seenaa ofii baruu, akkasumas aadaan dubbisuu akka gabbatuuf bu’uura kan buusuudha jechuun ibsiti.

Dhaloonni haaraa eenyummaafi aadaasaa baruuf kitaaba dubbisuu qaba kan jettu shamarreen kun, sosochiin Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee eegale kan jajjabeeffamuu qabuudha.

Kanaan dura Oromoon aadaa isaa gadi baasee calaqqisiisuu miti afaansaatiin dubbachuun saalfii akka ture kan himte Shamarree Leensaan har’a biiftuu bahaa jirtutti fayyadamanii seenaa dhokatee ture baruufi barsiisuun dirqama Oromummaati.

“Kaleessi seenaadha, dagatamuu hinqabu” kan jettu shamarree Leensaan seenaa ija uummata Oromoo ta’e kana beekuuf of kennanii hojjechuun barbaachisaadha. Oromoon saba bal’aa aadaafi safuu boonsaa qabudha. Ta’us, aadaa boonsaa kana gadi baasanii agarsiisaaf dhiyeessuun beekamtiinsaa akka jajjabaatu kan taasisu waan ta’eef, itti fufiinsaan hojjetamuu qaba.

Magaalaan Finfinnee handhuura Oromiyaa taatus aadaafi seenaan ummatichaa liqimfamaa waan jiruuf, jalqabbiin jiru cimuu qaba kan jedhan ammoo Leenjisaa Shubbisa Sirboota aadaa Oromoo Obbo Addaamuu Gammachuuti. Meeshaalee aadaa Oromoo garagaraa agarsiisaaf qabatanii kan dhiyaatan yoo ta’u, xiyyeeffannoo argachuu akka qabanis ni dubbatu.

Oromoon aadaa bal’aa akka garbaa gadi fagaatu qaba kan jedhan Obbo Addaamuun, dhaloota har’aatti beeksifamuu akka qaban himu.

Meeshaaleen aadaa Godambaa Oromoo keessatti walitti qabamanii jiran keessaa walakkaansaanii agarsiisaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, fakkeenyaaf, kanneen akka boraatii gogaafi mukaa, fal’aanafaa, akkasumas uffatiwwan adda addaa dhiyaataniiru.

Kunimmoo dhaloonni ammaa waa’ee aadaafi seenaasaa bareechee waan hinbeekneef, agarsiisniifi gurgurtaan wiirtuu egzibiishinii Finfinneetti taasifamaa ture kanaan boodas itti fufiinsaan taasifamuu qaba jedhu.

Agarsiisni meeshaalee aadaa Finfinneetti tibbana taasifame kun yeroo saglaffaaf kan gaggeeffame yoo ta’u, naannoon Oromiyaa yeroo sadaffaaf agarsiisicharratti hirmaateera.

Kunimmoo sabootniifi sablammootni magaalittii keessa jiraatan aadaafi seenaa walii haalaan akka beekaniif bu’uura kan buusu jechuudha. Daa’imman Oromoo Finfinnee keessa jiraatan sodaa asiin dura tureen aadaasaanii dagachaa kan turan yemmuu ta’u, jalqaabbii amma jiruun haalli mijataa uumamuu danda’eeras jedhu.

Agarsiisni aadaafi seenaa sabootaa, sablammootaafi ummattootaa qophaa’e kun akka hinliqimfamneef bu’uura kan buusu ta’uu kan himan ammoo Ittigaafatamaa Biiroo Aadaafi Turizimii Magaalaa Finfinnee, Obbo Gabratsaadiq Hagosi.

Agarsiisichi waggaa waggaan wayita gaggeeffamu waqtii manneen barnootaa boqonnaaf cufamanitti ta’uu kan himan ittigaafatamichi, barattootni abdii egeree biyyaa ta’an hirmaachisuuf kan yaadame ta’uu dubbatu.

Dhaloonni aadaafi seenaasaa hinbeekne eenyummaasaa beekuu hindanda’u kan jedhan Obbo Gabratsaadiq, barattootni seenaafi aadaasaanii qabatamaan akka barataniif agarsiisniifi gurgurtaan meeshaalee gaggeeffame jajjabeessaadha jedhu.

Walumaagalatti, dhaloota haaraa eenyummaasaan boonu horachuuf, aadaa, seenaafi duudhaa ummattootaa hubachiisuun barbaachisaadha. Kanaaf, tooftaalee kanneen akka agarsiisaafi kan biroo qopheessanii labata beeksisuun dirqama lammii hundaati.

Agarsiisa meeshaalee aadaa, hubannoo dhaloota haaraa gabbsisuuf